@muhamed.ali9497: ##Bishaan afaanitti battee ji'a tokko guutuu karaa dubbattuu dhabde!😁 Abbaa manaa tokkotu ture yeroo hundumaa galgala galgala yeroo hojiidhaa galu kan haadha manaa isaa reebu.reebichi kun itti hammaannaan waa'ee dhimma kanaa obboleessa isheetti himte. Obboleessi ishees; burqituu bishaanii boroo keenya jiru sana dhaqiitii qaruuraa(shuggeetti) waraabiitii fidi ittiin jedhe.isheenis waraabdee fiddee dhufte. Obboleessi ishees daqiiqaa murtaa'eef bishaanicha xiyyeeffatee ilaalee,akkas ittiin jedhe. Yeroo hundumaa yeroo abbaan manaakee hojiidhaa dhufu bishaan kanarraa habbuuqqadhu. Garuu gonkumayyuu hin liqimsin ittiin jedhe. Isheenis akkuma inni ittiin jedhe goote. Abbaan manaashee dhufee irbaatasaa nyaatee buna dhugee akka ijoollee siree isaarra ba'ee marmaratee rafe. Isheenis guyyaa gaafa sanaa utuu hin reebamin bulte. Haati manaa baay'ee dinqisiifatte.ji'a tokko guutuu akkas goote. Hin dhufaa hin reebuu,walfalmiin hin jiruu, nagaa itti haasa'ee irbaatasaa nyaatee rafa. Utuu akkas gootuu erga turteen booda bishaan obboleessi ishee kenneef kun qaruuraa keessaa jalaa dhume. Yeroo kana obboleessa ishee bira deemtee akkas ittiin jette .bishaan qaruuraa biraattin barbaada ittiin jette. Adaraammoo Haadha keenyaan siqabeera bishaanin boroo manaatii waraabe, bishaan dinqii akkamii qabu akka ta'e natti himi iccitiin isaa maalinni?ittiin jette. Amala obboleettii isaa kan beeku obboleessi ishee tasgabbaa'ee:- "Umaayyuu iccitii wayii hin qabu. Asmaatii wayii yookiin tsabalas miti" garuu abbaan manaakee yeroo dadhabee hojiidhaa galu arrabakee eeggadhu!afaankee cufadhu itti hin dubbatin jedheen. Ani amalakee beeka dubbattee aarsitee dubbii ofitti fidda. Balleessaan kan keeti! Isa kanaafimmoo ragaan kunooti ji'a tokko guutuu bishaan afaanitti baattee karaa dubbattu dhabdee nagaan jiraattee argiteetta jedheen. Yeroo tokko tokko rakkina nurra ga'uuf ka'umsisaa numa mataa keenya waan ta'eef dhaabannee of hasakattaanu, of ha ilaalluun ergaa kooti. Galatoomaa! Maxxansi biraan akka isin qaqqabuuf page kana follow godhaa Mee yoo isinitti tolees #sher godha darbaa
yee shaashee lijj
Region: LY
Monday 07 September 2026 17:43:56 GMT
Music
Download
Comments
Qalloo Gaddisa dhabdee :
🥰🥰🥰🥰🥰🥰 itti nuf dabaali me bro
2026-11-02 10:20:54
0
nuguse :
galatoomii bro
2026-11-03 10:22:04
0
UMMIYYE❤️💚❤️🕋 :
wow wow jabaadhu jabaa wayii ergaa ajaa'ibaati.I'M amazing you 💪💪
2026-09-08 18:53:14
1
Qal Abbii :
dhugaa senaa koo tokko hoo akkami godhenii siif qodaa barefamati naaf jijirii
2026-10-30 17:34:30
1
sabbonee koo :
wwawwa qalii koo jirtaa maloo
2026-09-09 07:30:09
0
obsii kayyoof 💚💚 :
jechaa ajaaiba dhugaa yeroo bayyee dubanee namaa midhuu malee dubiin kenyaa mataa kenyaalee akka amidhuu hin hubanu galaatomi 🙏🙏🙏🙏
2026-09-07 18:00:21
2
Sorry my life😢 :
ati eessumaa gurta qooyi barru akkana das nama jedhu❤️🥰🥰❤️🥰
2026-09-07 21:12:54
6
Olii shawaa :
dhugaa keeti bro wan bayyeen yadadhe galaatoomi
2026-10-31 08:48:07
0
Ismael Awal A/olii :
jabadhuu dhirroo bayyee namati tola
2026-10-29 18:53:28
0
waaqayyoon Tiiksee kooti....🤲 :
Galatoomii dhugaa👌👌👌💪
2026-11-01 18:58:00
0
senayit asefaa :
waw
2026-10-24 13:41:16
0
Koo keti :
dhugaa rabii bay'een namati tolaa
2026-09-26 11:38:15
1
kadijaa ibraahim 🖤🍫 :
Akkasi jabaadhu
2026-09-10 01:04:35
1
T@1023🇹🇷🇹🇷🏝🏝 :
jabaadhuu ergaa gudda qaba!!
2026-09-09 11:48:52
1
Fayine :
galatomii baruumsa guddasa namaa barsisaa
2026-09-07 18:48:06
0
yaassicho,oro :
wly baayye natti tolee jabaadhu bro siwajiin jirraa
2026-09-14 23:05:02
1
simaaf :
sammun kee Amma's bekkumsan sif haa guttamu mashallah jabadhu bayeen si dinqisifadha🥰🥰🥰
2026-09-08 03:07:00
1
Of Ta,i :
🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰
2026-10-25 15:54:46
0
?! :
wwwwwwwww gorsaa bareda galatomii 🥰🥰🥰
2026-09-08 19:25:51
1
Yomifi Lata :
wwwwooo galatomii bro koo
2026-10-15 07:59:28
0
senayit asefaa :
2026-10-24 13:40:53
0
@Ati Naf@@@ :
wooooow 💯💯💯💯💯💯💯💯💯💯💯
2026-10-19 07:12:51
0
jaka :
Waan Ajaa'ibaatiin 🥰🥰🥰
2026-10-18 14:23:14
0
fira firaaf :
👍👍👍👍👍👍 baaye nama ajaa'iba
2026-10-15 15:35:56
0
Buzuneh Elema :
Galatoomii
2026-11-02 13:42:27
0
To see more videos from user @muhamed.ali9497, please go to the Tikwm
homepage.