@yonastemesgn: Gammachuu Barii SEENAADHA!! Nama kana Haa Gargaarru WALIIF Haa Dhaabbannu "Loltuu ABO ta'ee, Daangaa Sudaaniifi Xoophiyaa gidduu, bakka Anbassaa Caakkaa jedhamu Dahannoo qabatee utuu jiruu, ijoolleen isa beekan Mandiirraa isa bira dhufan. Dhufuu qofa miti. Mardoo tokko fidaniif. "Soolaneenkee hin heerumte" jedhanii dugda isa kutan. Mogoleen isa bu'ee, laamsha'ee, ofirra gad taa'ee, Hirsaasiisaa fudhatee, waraqaa daalachooftuurratti imimmaan cobsaa, jechootas coccobse. 'Soolanee Soolanee Gaafa Cidhakee mana hin turre Dahannoo keessan ture Waamichakee ooluuf na komattaaree?' Jedhee walaloo toora galche. Tulluu Walaloo Kiiloleewwan danuu duubaan mul'atu sana. Gammachuu Birrii. Namni kun Bara Dargii ABO tti makamee, Damaazenii dirree lolaa ABO n Dargii waliin wal morke danuurratti hirmaatee, rasaasaan bakka lama rukutamee ture. Sirba danuun keenya yaadannoo ijoollummaafi dardarummaa irraa qabnu kan Dawit Mekonen sirbe Soolanee isatu mudannoosaa dhugaa walalootti jijjiiree Daawwiteedhaaf laannaan, Daawwiteen ammoo Kiiloleesaatiin nu dhamdhamsiise. Hirphaa Gaanfuree dabalatee humna jechootasaatu kiiloleesaaniitiin faayamee, gurra keenyarraa qillise. Eebbisaa Addunyaa, Jireenyaa Ayyaanaa, Yooseef Gammachuu, Ilfinash Qannoo, Usmaayyoo Muusaa, Abdii Qophee, Biqilaa Guyyootaa, Adam Haaruun, Raayyaa Abbaa Maccaa, Muktaar Usmaaniifi Haayiluu Kitaabaafaan hiriyootasaa warranni waliin hojjetaa turedha. Namni kun yeroo ammaa dagatamee, dhibeen irratti wal furee, waan nyaatullee dhabee mankaraaraa jira. Dhiyoo kana Makkoo Bilii Show irratti dhiyaatee ture. Haala ulfaataa keessa jiraachuusaa dubbate. Nama kana gargaarree utuu furree, bor quba hin nyaannu! Itti haa yaannu!"🙏

𝘆𝗼𝗻𝗶✨
𝘆𝗼𝗻𝗶✨
Open In TikTok:
Region: ET
Sunday 08 November 2026 04:54:35 GMT
14801
1458
40
198

Music

Download

Comments

eyasu.ejigu5
Eyasu Ejigu :
waliif dirmachuun amaalaa nuuf hata'u
2026-11-08 10:17:17
2
user6538423788769
gutuu :
account Isaa???
2026-11-08 09:49:56
0
abdii.orth
Abdii Orth :
wayoo yaa dhira uuufff
2026-11-08 06:52:43
0
fud0763
fud :
walifi Adirmanu sanyi ko
2026-11-08 11:13:30
0
user2736700236077
Moke Bedasa :
gargaarsi jalqabuun isaa bareedadha
2026-11-08 06:56:48
1
mahmudhussein712
Mahmud Hussein :
nu waliin dhaadanna
2026-11-08 06:31:21
1
temam8865
Temam :
jaabadha oroomo Koo
2026-11-08 10:46:37
0
moti6304
moti :
orommookoo haa gargaramuu namnii kun hadara
2026-11-08 09:41:03
0
bdethiopia
bdethiopia :
mucaadhumaa kanaa illee ilalee haa gargaruu
2026-11-08 10:14:56
0
urjii.kaayyoo
Urjii kaayyoo Salaaltittii :
oromoo koo waan qabnu waal biraa nuuf gargaraa❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
2026-11-08 07:48:15
0
kingofokingm
Bori :
Wayyoo Leenca fakkii namaa ❤️❤️❤️❤️❤️😭
2026-11-08 07:48:48
0
kasshun95
kasshun :
uuuuuufffff
2026-11-08 08:03:57
0
ashu.dhanga
Ashu Dhanga :
namma kana akka biyyattigargaaratu nura jirraa oromo🙏🙏🙏
2026-11-08 06:13:58
0
fortrueth
My Present Situation is not Fi :
😭😭😭
2026-11-08 07:28:32
0
user6172612715340
mulu :
💪💪💪
2026-11-08 05:05:13
0
nasirtemam27
nasirtemam :
hadaraa worii oromoo tatee waofiirkaa qabaduu nagargaarii abba kenyaa kanaa
2026-11-08 06:11:24
1
misookoo0
lammii :
🥰🥰🥰
2026-11-08 10:49:33
0
user37383000747423
emu belete :
👍👍👍👍
2026-11-08 08:05:11
0
soninaf90
Abdi the great :
🥰🥰🥰
2026-11-08 10:03:31
0
jiro5824
Jiro man♥️C♥️ :
🥰🥰🥰🥰
2026-11-08 09:57:55
0
abbuu.ale
solannee :
🙏🙏🙏🥹🥹
2026-11-08 08:22:47
0
kiyakoo198
Oromiyaan Biyya❣️💚❣️ :
🥰🥰🥰
2026-11-08 10:42:45
0
naaf.jira.yesuus
Naaf jira yesuus :
💪💪💪💪💪💪💪
2026-11-08 07:38:53
0
umaramiin17
mujhid :
🥰🥰🥰
2026-11-08 07:31:08
0
birboo.aabbishuu
Birboo Aabbishuu :
🥰🥰🥰
2026-11-08 05:07:06
0
To see more videos from user @yonastemesgn, please go to the Tikwm homepage.

Other Videos


About